Xurree ittiin seenan

Mosuul Walaba Baate : Looltoota Iraaq

  • VOA

Mummichi ministiraa Iraaq alaabaa qabatanii loltoota wajjin injifannoo argame kabajaatii jiran

Humnootiin Iraaq injifannoo Mosul irratti argatan kabajaa yeroo jiran kanatti manaa gara manaatti adeemuun harcaatuu hidhattoota Islaamiik Isteetes waraanaa jiru.

Wal waraansii dhumaa hidhattoota Islaamik Isteetes waliin gaggeessan hamaa ta’uu isaa fi manaa gara manaatti deemuun hidhattoota lafa dhokotanii jiranii baasuuf yeroo yaalan hidhattonni of wareeguuf jecha uffata dhukaatoota uffata isaanii irratti maranii akka jiran dubbatan.

Dilbata kaleessaa Moosuul keessatti aduun yeroo seenuu jalqabdu jilli mummicha ministeera Iraaq kan bilisummaa ishee gonfatte Mosul keessaa ba’an.Jiraattonni hangi tokko kanneen daw’annaa mummicha ministeeraa Haidar al—Abadiin gammadan bilbila harkaa fi kameeraa qopheeffatanii suraa kaasuuf ykn vidiyoo waraabachuuf eeggataa turan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG