Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masrii Keessatti Balaan Of-wareegdootaa Lubbuu Looltootaa Galaafate


Masrii Keessatti Balaan Of-wareegdootaa Lubbuu Looltootaa Galaafate
Masrii Keessatti Balaan Of-wareegdootaa Lubbuu Looltootaa Galaafate

Sinaa gama kaabaa keessa ka jiru ulaa sakata’aa waraanaa irratti of-wareegaan tokko haleellaa geesisuun yoo xiqqaate looltoota 10 ajjesuun isaa aangawoonni Masrii dubbatanii jiru.

Haleellaan kun Jimaata har’a kan dhaqqabe yoo ta’u daandii magaalaa Rafha cina jirtu irratti konkolaataan lama ulaa sakata’aa waraanaa darbaa ituu jiranii dhohinsii kun dhaqqabe.

Waraanni biyyatti ibsa baaseen dhohiinsa Kanaan looltoota 26 hangi tokko ajjefamanii kaan mada’an.Lakkoofsa looltoota du’anii fi mada’anii adda baasuun hin gabaafamiin jira.

Balaa kanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru.Ibsii waraanni baase kun akka jedhutti ulaa sakata’aa kanneen biroo magaalatti keessa jiranitti haleellaa karoorfamme fashalsisuun hidhattoota 40 ajjefamuu waraanni biyyatti ibsee jira.

XS
SM
MD
LG