Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyuu Falasama Siyaasaa: Gamtaan Afrikaa Waa’ee Labsii Hatattamaa fi Haala Mirga Dhala Namaa  Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Dubbachuu Dhabuun Isaa Qaanii Dha


Gumii hooggantoota Gamtaa Afrikaa
Gumii hooggantoota Gamtaa Afrikaa

Hoogganoonni biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaa gumii isaanii 29ffaa magaalaa Finfinneetti geggeessataa turan, Kibxata dabre, gaafa Waxabajjii afurii xumuratan.

Mata-dureen yokaan dhimmi ijoon marii sanaa waa’ee dargaggoota biyyoota Afrikaatti invest gochuu yokaan qabeenyaa baasuutti ka fuuleffate yoo tahu, waa’ee wal-dhibdeelee biyyoota Afrikaa adda addaa keessaa furuu dhimma achi cinaatti mariin bal’aan irratti geggeessamaa ture.

Wal-dhibdee Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa keessaa akkasumas waa’een wal-muddinsa waraanaa Ertiraa fi Jabuutii gidduus dhimmoota mariin irratti geggeessame keessatti argaman. Keessumaa, waa’ee wal-muddinsa Ertiraa fi Jabutii gidduu ilaalchisee, gaaffii Jabutiin dhiheessite irraa ka’uudhaan akka humni naga-eegumsaa Gamtaa Afrikaa daangaa biyyoota lameenii irratti bobbaasamu kan gurmuun hoogganoota biyyoota naannoo IGAD murteessee yaada dhiheesses ilaalanii jiran.

Kana irraa ka’uudhaan akka hoogganaan nagaa fi tasgabii Gamtaa Afrikaa Asmaraatti imalan prezidaantiin Koomishina Gamtaa Afrikaa beeksisanii turan. Hoogganoonni Itiyoophiyaa duraanii lama, mooticha Hayile-sillaasee fi muummicha ministaraa Melles Zeenaawii qooda baay’ee guddaa Gamtichaaf gumaachaniif, siidaaleen yaadannoo akka dhaabataniif murteessee jira. Dhimmoota walga’iin Gamtaa Afrikaa gidduu kana itti fuuleffatee mari’ate irratti As Yunaayitid Isteets keessa ka jiru – Gloobaal Yunivarsitii irraa – barsiisaa fi hayyuu falaasama siyaasaa – Dr. Alemaayyoo Birruu haasofsiisnee jirra.

Hayyuu Falasama Siyaasaa: Gamtaan Afrikaa Waa’ee Labsii Hatattamaa fi Haala Mirga Dhala Namaa  Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Dubbachuu Dhabuun Isaa Qaanii Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:31 0:00
Hayyuu Falasama Siyaasaa: Gamtaan Afrikaa Waa’ee Labsii Hatattamaa fi Haala Mirga Dhala Namaa  Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Dubbachuu Dhabuun Isaa Qaanii Dha (Kutaa Lammaffaa)
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:11 0:00

XS
SM
MD
LG