Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Prezidaantii Venezuweelaa Seera Tumtoota Garee Mormitootaa Reebaan


APTOPIX Venezuela Crisis
APTOPIX Venezuela Crisis

Hidhattoonni Prezidaantii Venezuweelaa – Nikoolaas Maaduuroo deggeran, kaleessa, mana-maree bakka-bu’ootaa biyyattii garee mormitootaan guutame irratti haleellaa geggeessuudhaan, seera-tumtoota haga tokko reebanii, kaan immoo sa’atiilee sagaliif gamoo sana keessatti ugguranii turan – jedhama.

Miseensota mana-maree fi hojjetoota gamoo sana keessaa dabalee namoota 12 tu haleellaa kanaan madaawe.

Dura-taa’aa mana-maree biyyattii – Juuliyoo Borges, haleellaa geggeessamee fi haala hamaa Venezuweelaa keessatti uumame kanaaf – Prezidaanticha biyyattii – Nikoolaas Maaduuroo balaaleffatan.

Rakkoo siyaasaa fi dinagdee baatiileef biyyattii mudate irraa kan ka’e, hiriirawwan mormii deggertoota mootummaa fi mormitoota mootummaan gamaa fi gamanaan geggeessamaa ture yeroo hedduu hookkaratti jijjiramaa ture. Sababaa kanaan haga ammaatti namoota dhibba tokko tu ajjeesame.

XS
SM
MD
LG