Xurree ittiin seenan

Looltoonni Al-shabaab Somaaliyaa keessatti Ajjefaman

  • VOA

Looltoonni Al-shabaab Somaaliyaa keessatti Ajjefaman

Humnootiin nageenyaa kan Somaaliyaa looltoota al-shabaab 13 ajjesanii kannen biroo 10 madeessuun isaanii beekamee jira.

Kutaa Jubaa isa gadii keessatti waajiira dhaabata nageenyaa guutuu biyyaa soamaaliyaaf itti aanaa ajajaa kan ta’an Ahmed Issaa akka jedhanti haleellaan kun Kibxata kaleessaa waaaree booda gaggeeffame.

Kunis hidhattonni al-shabaab maadhee waajiira nagenyaa haleeluuf akka qophii qaban odeeffannoo waan arganneef dursinee haleelle jedhu.Iddoon isaas magaalaa Moqaadishoo irraa gara kibbaatti fageenya kilo0 meetra 500 irratti argama.

Hidhattonni 100 ta’an kanneen naannoo Jaangl jedhamutti walitti qabamanii turan irratti qiyyaafanne karoora isaanii fashalsinee jedhan.

Angawoonni biyyatti reeffa hidhattoota ajjefamanii har’a Kismaayoo keessati agarsiisanii jiru. Angawoonni nageenya naannoo Raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti hidhattonni al-shabaab maadhee waraana Somaaliyaa haleellaan faccifne jedhu.

Yoo xiqqaate looltoonni Keniyaa 2 ajjefamanii kanneen biroo 7 eessa buteen isanii dhabamee jira.Kun immoo waajiira polisii irratti haleellaa gaggeeffameen ture jedhama

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG