Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Walabummaa Ameerikaa Har’a Kabajamee Oole


Fourth of July Parade
Fourth of July Parade

Lammiiwwan Ameerikaa har’a jechuun Adoolessa 4 guyyaa Briteen jalaa itti walabooman kabajanii oolu.

Uummanni miliyoonaan laka’amu waggaa 241ffaa Ameerikaan walabumaa itti gonfatte agarssiisa xaaxee qabsiisuu, sirboota adda addaa, nyaata alatti bilcheessanii waliin qooddachuuf taphoota adda addaan kabajaju.

Jaarmoliin naga eegumsaas ayyaanni kun nagaan akkakaajamu gochuuf bifa haaraan qindaa’anii jiran.

Kutaa Kaaba gama kaabaa magaalaa Boston, Massachuseets bakka waraanni warraaqsaa Ameerikaa itti jalqabe keesatti poolisiin xayyaara nam maleeyyii yeroo bobbaasuu dhaan bakka uummati kummi 500 ta’u wal ga’uu xaaxee qabsiistu samii irraa suraa kaasuuf jiru.

Magaalaaleen kan akka NY fi Washingtion illee guyyaa walabummaa kun nagaan akka kabajamu qoophee barbaachisu xumuraniru. prezidaant Donald Trump ayyaana kana maatiiwwan miseensota waraanaa waliin nyaata alatti bilcheessan qooddachuun yoo ta’u booda irra hojjttoota White House fi maatiiwwan kana waliin xaaxee qabsiisamu daawwatuuf jiru.

XS
SM
MD
LG