Xurree ittiin seenan

Walga'iin G-20 Jalqabuun Dura Prezdaant Traamp Hoggantoota Awroophaa Wajjin Dubbachuu Isaanii Beeksisan

  • VOA

Doonaal Traamp walga'ii G -20 Jarmanitti godhamuun dura Poortlaanditti goranii bakka kanatiii haasaha godhan jedhameet eeggama

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, har’a, hoogganoota biyyoota Awurooppaa sadii – jechuun – ka Jarmanii, Faransaay fi xaaliyaanii waliin dubbachuu isaanii beeksisanii jiran.

Gara xumura torban kanaatti walga’ii biyyoota Addunyaa irratti duureyyii ta’anii G-20 jedhamuu fi biyya Jarmanii, magaalaa Hamburg keessatti geggeessamuuf imaluu isaanii dura, hoogganoota sadeen waliin dubbatan – Prezidaant Traamp.

Prezidaantichi -- dhaamsa Tiwiiteriidhaan har’a ganama dabarsaniin, Chaansleritti Jarmanii – Angelaa Merkel, Prezidaantii Faransaay – Emaanu’eel Maakroonii fi Muummichi-ministaraa – Paawuloo Jentiloonii waliin mariin geggeessan maalitti akka fuuleffatu waan eeran hin turre.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG