Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Komiishina Gamtaa Afriikaa Har’a Xumurame


African Union logo
African Union logo

Kan Wixata darbee gabee Finfinneetti geggeessamaa ture gumiin hoogganoota komiishina gamtaa Afriikaa 29ffaan har’a xumuramee jira.

Qiyyaafati gumii kanaa ijoon dargaggoota irratti investii gochuu ka jedhu dabalatee dhimmootii yeroo kan akka dhimma Sudaan kibbaa, Somaaliyaa Republikii Afriikaa Waaltaa, fi falmii Jibuutii fi Eertraa gidduu jiru, biyya shorokeessummaan keessa jiru haala Maalii keessaa ilaalchisee walii galtee nageenyaa hojiitti hiikuu irratti rakkoo uumame ilaalchisee dura taa’aan komiishinichaa Faakii Musaa haasaa dhageessianiiru.

Gara Ertraa fi JIbuuttiit humnootiin nagaa eegisisan akka bobba’an yaada IGAD dhiyeesse gamtaan Afriikaa attamiin akka ilaalu yaadi ifaa ta’e kenname hin jiru.

Gumii hoogganoota kanaa cinatti ministeeronni dhimmootii alaa IGAD wal ga’uu dhaan humnoonni naga eegumsaa Jibuutii fi Eertraa gidduu muddama jiru qabbaneesuuf akka ergamaniif gaaffii Jibuutiin dhiyeessite deggeruu dhaan murtii dabarsanii jiru. Gumiin hoogganoota komiishinichaas mata duree kana irratti mari’atee jira.

Xumura gumii kanaa irratti ibsa kan kennan dura taa’aan komiishina gamtaa Afriikaa Musaa Faakii koiishina isaanii kan nagaa fi nageenyaa gara Eertraatti kan ergan ta’uu beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG