Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii G-20 Irratti Falmiin Jijjiirama Qilleensaa fi Daldalaa Ka’uu mala


Poolisiin qophee xumuree hiriirtonni mormiis Humburg Germanyy keessatti bakka tolfataa ennaa jiran kantti prezidaant Doonaald Traamp wal ga’ii biyyoota dinagdeen durooman addunyaa 20 ta’an irratti argamuuf gamasitti yeroo qajeelan haalli jiru salphaa ta’a jedhee kan tilmaamu huin jiru.

Traampii fi chaansilerittiin Jarmanii Angela Mrkel dhimmootii jijjiirama qilleensaa fi daldalaa irratti wal falmii keessa iru, garuu tattaaffii shorokeessummaatti duuluu, yaalii misaaylia kooriyaa kaabaa kan boodanaa fi kkf ilaalchisee walitti isaan fiduu mala.

Merkel dhimmootii hedduu irratti walii galtee irra akka ga’amuuf kan hojjetan ta’uu waadaa seenaniis, garuu hariiroo bulchiisa US waliin jiruuf garuu dingiitu ta’a jedhanii hin eegan.

Merkel akka jedhanitti sadarkaa ol aanaatti waan wal nu fakkeessuufi adda adda nu baasu qabna. Kanaaf mariin sun sana ta’a jedhee tilmaamuu hin fedhu, dhimmoota mara irrattis ejjennoo tokkos qabaanna jedhee hin yaadu. Garuu waliin diplomaasii addunyaa ilaalchisee waliin mari’achuun garuu waan hiika qabuuf gaarii natti fakkaata jedhan.

XS
SM
MD
LG