Xurree ittiin seenan

Lokkoobsi Godaantotaa Galaana Irraan Bara Kana Xaaliyaanii Seenanii Kuma Saddeettamii-shanii Ol Gahuu Dubbatu Aangawoonni Ishee

  • VOA

Lokkoobsi Godaantotaa Galaana Irraan Bara Kana Xaaliyaanii Seenanii Kuma Saddeettamii-shanii Ol Gahuu Dubbatu Aangawoonni Ishee

Xaaliyaaniin lakkoobsi godaantotaa bara kana biyya ishee seenaa jiran ka bara dabree dhibba irraa harka digdamaan caalee jira, jetti. Aangawoonni Ministirii Dhimma Biyya keessaa Xaaliyaanii akka jedhanitti, haga kaleessaatti godaantonni bara kana biyya isaanii seenan kuma saddeettamii shanii fi dhibba tokkoo fi saddeettamii sadii. Ka bara dabre yeroo akkanaa irra kuma kudha-afuriin caala – lakkoobsi kun.

Godaantonni biyyattii seenan irra hedduun isaanii kanneen waardiyyoota imala galaana irraa to’atanii fi dooniilee ka biroodhaan, bidiruulee isaanii bishaaniin nyaataman keessaa baraaramani. Afrikaa gama Kaabaa irraa ka’uudhaan otuu gara sanatti imalanii bara kana baqattoota kuma lama tu dhume.

Otuu lakkoobsi walii-galaa hin beekamiin dura illee, prezidaantiin xaaliyaanii Paawuloo Jentiloonii, akka Gamtaan Awurooppaa baqattoota hedduu gara biyya isaaniitti yaa’aa jiran irraa rakkoo biyya isaanii mudate salphisuu irratti akka isaan gargaaru gaafatanii jiran.

“Xaaliyaaniin guutummaatti waa’ee baqattoota giddu-galeessa Meditiraaniyaan keessa yaa’aa jiran kanaatti furmaata barbaaduuf kaatee jirti. Gamtaan Awurooppaa, qajeelfamoota isaa, seenaa isaa fi qoroomina isaaf amanamaa ta’uu yoo fedhe akka dhimma kanatti hirmaatu gaafanna. Godaansi gara keenyatti yaa’u kun akka booda waan humnaa olii hin taane, Xaaliyaaniin gargaarsa barbaaddi. Rakkoolee haga ammaatti jiru hawaasni keenyaa akkataa fakkeenya ta’uu danda’u – gara-laafina namoomaa fi simannaa gaariidhaan deebii kenne – jedhan.

Torban dabre keessa, xaaliyaaniin, yabalawwan yokaan markabawwan godaantota baraaranii itti fidanitti ulaawwan ishee ishee cufuuf akeekkachiistee turte. Akka yabalawwan yokaan markabawwan sun gara biyyoota Meditiraaniyaan ka birootti deeman gochuuf jecha kan tarkaanfii kana fudhatte – Xaaliyaaniin, akka biyyoonni kaan baqattoota sana simatanis kadhataa jirti. Haa tahu malee, kaleessuma kana illee, baqattoonni dhorkaa tokko malee Xaaliyaanii seenaa turan.

Faransaay, Jarmanii fi Koomishinarri Dhimma Godaantotaa, kan Gamtaa Awurooppaa, godaantota gara Xaalkiyaaniitti yaa’aa jiran simachuu ilaalchisee akka Xaaliyaanii gargaaran dubbatanii jiran. Garuu, jechi isaanii, iyyannaa prezidaantiin Xaaliyaanii dhiheessan kana wajjiin kan wal-qabate ta’uu waan beeksisan hin jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG