Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjira Gamtaa Afriikaa Finfinnee Keessatti Siidaan Mallas Zeenaawwii fi HaaylaSillaasee Dhaabachuufi


Waajira Haadhoo gamtaa Afrikaa, Finfinnee
Waajira Haadhoo gamtaa Afrikaa, Finfinnee

Gumiin hoogganoota gamtaa Afriikaa guyyoota lamaaf geggeessamaa turee kaleessa xumurame hoogganoota Itiyoophiyaa lamaaniif siidaan yaadannoo akka dhaabatu murteesse.

Siidaan kun akka dhaabatuuf kan murtaa’eef mooticha Itiyoophiyaa duraanii H/Sillaasee fi muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa obbo Melles Zeenaawii ti.

Ciminaa fi hundeeffamuu dhaaba tokkummaa Afriikaa fi gamtaa Afriikaaf gumaacha isaan kennaniif ta’uun illee ibsameera. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa obbo Melles Alem har’a gaazexeessotaaf ibsa kennaniin ittiin ka’umsa murtii kanaa ibsaniiru.

H/Sillaaseen qabsoo lamiiwwan Afriikaa kan farra koloneeffattummaaf deggersa godhan, dhaabi tokkummaa Afriikaa akka hundaa’uuf gumaacha ol aanaa isaan godhan, akkasumas walitti bu’iinsa lammiiwwan Afriikaa gidduutti ta’uu malu dhaabisuuf qooda isaan qabaataniif beekkannaa kennameef ta’ee fudhatamuu qaba jedhan.

Muumichi ministeeraa duraanii obbo Melles Zeenaawii gama isaaniin yeroo ce’umaa dhaaba tokkummaa Afriikaa irraa gara gamtaa Afriikaatti godhame irratti gamaaggama gitoota Afriikaa kan NEPAD ilaalchisuun geggeessameen, wal ga’ii dhimma haala qilleensa naannoo addunyaa irratti Afriikaa hoogganuu dhaan tattaaffii isaan godhan, biyyoota Afriikaa hedduu keessatti walitti bu’iinsi uumame karaa nagaan akka furamu gochuuf humnootii nagaa eegisisan bobbaasuu dhaan, Rwaadaa qabee hanga Burundiitti, Liberia qabee hanga Somaaliyaatti qooda guddaa isaan qabaataniif beekkannaa kennamee dha.

Waggoota 54n darbaniif wal ga’ii dhaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufaniif keessummeessaman lammiiwwan Afriikaa keessummoota lammiiwwan Itiyoophiyaa maraa akka turan dubbi himaan kun tuqanii, Kanaaf badhaasi kun kan lammiiwwan Itiyoophiyaa hundumaa ti jedhaniiru.

Hoogganoota kana lamaaniif siidaan yaadannoo dhaabachuun uummata biyyattiif injifannoo guddaa dha kan jedhan dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyophiyaa obbo Melles Alem lammiiwwan itiyoopiyaa sirnaa fi mootummaa isa kam keessatti illeee taanaan ajendaa Afriikaan amanamoo ta’uu isaanii murtii mul’isu jedhan.

Waajjira Gamtaa Afriikaa Finfinnee Keessatti Siidaan Mallas Zeenaawwii fi HaaylaSillaasee Dhaabachuufi
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:32 0:00

XS
SM
MD
LG