Xurree ittiin seenan

Prezidaantiin Koriyaa Kaabaa Milkaa'uu Dhukaasa Misaa'eelaatiin Guddaa Gammadan

  • VOA

Prezidaantiin Koriyaa Kaabaa Guddaa Gammadan

Koriyaan kaabaa kibxata kaleessaa misaa’eela ardiiwwan keessa lafa dheeraa deemu dhukaasuun yeroo duraaf milkaa’uu ishee prezidaantiin biyyatti Kim Jong Un of jejaa jiran.

Prezidaant Kim garee hayyootaa fi ogeessoota teknikaaf akka ibsanti Yunaaytid Isteetes yeroo guyyaa bilisummaa ishee kabajaa jirtuutti keennaa nuti qopheessaa jirru kana fudhachutti gammaddu dhisuu malti jedhan jedha dhaabbatti oduu biyyatti.

Koriiyaan kaabaa dirree xayyaaraa naannoo daangaa Chaayinaa jiru irraa misaa’eela Hwasong – 14 jedhamu kan dhukaastee yoo ta’u akaadaamiin saayinsii ittisaa ka biyyatti akka jedhutti fageenya kiloo meetra 933 furguggifamuu kan danda’uu ta’uu fi lafa irraa gara samiitti kilo meetra 2802 ol fagaatee akka ture ibsamee jira.

Misaa’eelli kun daqiqaa 39 eega furguggifamee booda galaana Jaapaan keessatti kufuun beekamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG