Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Hariiroo Daldalaa Chaayinaa fi Koriyaa Kaabaa Gidduu Jiru Qeeqan


Traamp Hariiroo Daldalaa Chaayinaa fi Koriyaa Kaabaa Gidduu Jiru Qeeqan
Traamp Hariiroo Daldalaa Chaayinaa fi Koriyaa Kaabaa Gidduu Jiru Qeeqan

Chaayinaan koriyaa kaabaa waliin daldala jabeessuu isheen kan ka’e prezidaantiin Amerikaa Traamp akka jabaatti qeeqanii jiru.

Amerikaan dhiyeenya kana Chaayinaa waliin walta’iinsa garaa garaa tolfachuuf walii galuun ni yaadatama. Traamp qeeqa kana kan dhiyeessan walgahii biyyoota dureeyyii G-20 jedhaman irratti argamuuf gara Polaanditti ituu hin qajeeliin dura ture.

Walgahii sana irratti prezidaatiin Chaayinaa argamuuf jiru.Traamp dhaamsa Twiitar irratti barreessaniin daldallii Chaayinaa fi Koriyaa kaabaa gidduu Nuusa waggaa isa jalqabaa irratti 100 keessaa harka 40 guddate.

Chaayinaan nu waliin hojjachuuf itti baayyata, garu akka yaalaniif carraa laannaaf jedhan. Sagantaa oomiisha meeshaalee Nukleeraa Koriyaa kaabaa fi yaalii dhukaasa misaa’eelaa lafa fagoo deemuu kan Kibxata kaleessaa gaggeeffameen Traamp dura dhaabannaa isaan mudatee jira.

Traamp dhiyeenya kana akka jedhanti yaalii chaayinaan gootu hedduu kan dinqsiifatan ta’uus yaaliin ishee hin milkoofne.

Ta’uus immoo chaayinaan yaaluu ishee nan beeka jedhan Traamp.

XS
SM
MD
LG