Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Keeniyaa Utuu Hin Ga’in Uummati Sagalee Kennu Doorsisamaa Jira: Garee Mirga Namaa


Filannoon Keeniyaa Utuu Hin Ga’in Uummati Sagalee Kennu Doorsisamaa Jira: Garee Mirga Namaa
Filannoon Keeniyaa Utuu Hin Ga’in Uummati Sagalee Kennu Doorsisamaa Jira: Garee Mirga Namaa

Filannoon walii galaa geggeessamuuf torbanneen shan hafe ennaa jirutti namoonni hangi tokko yoo paartii biyya bulchuuf sagalee kennuu baatan jechuun doorsisamaa waan iraniif gara qe’ee ofiitti deebi’aa jiran.

Human Rights Watchtti qorataa kan ta’an Otisieno Namwaya akka jedhanitti doorsisi kun maatiiwwan hangi tokko qe’ee isaanii dhiisanii deemuuf akka karoorfatan dirqisiise.

Namoonni hangi tokko waahiloota isaanii hojiitiin Hagayi saddeeti haa ga’u. eessa akka dhaqxan argina jechuun kalattiin doorsisaa jiraachuu dhageenyeerra.

Jechoota kan akka isinii dhufaa jirra jedhantu dhaga’ama. Kanaaf namoonni sodaatanii deemaa jiru. maatiiwwan hangi tokko akka nutti himanitti hanga manni barnoota cufamutti eeganii naannoo Sanaa deemuuf jiru jedhan.

Jaarmoliinmirga namaa torbanneen lamaaf qorannaa isaan geggeessan konyaa Naivasha kan Nakuru keessaa irratti yoo ta’u Naivashaan magaalaa galma mootummaa biyyattii Naayiroobii irraa fageenya km 90 irratti argamti. Naannoon kun filannoo bara 2007 bood naanno adda addummaa gosaa irraan kan ka’e hookkarri hamaan keessatti raawwatame ture.

Qorannaan balaa yeroo filannoo Keeniyaa akka mul’isutti konyaalee 47 kessaa 17 naannoolee walitti bu’iinsaaf saaxilamani. Nakuruun-s hookkara filannoon wal qabatetu keessatti raawwatamuu mala jedhamee eegama.

Baatii waxabajjii keessa ministriin dhimma biyya keessaa keeniyaa waaltaa ajajaa kan shorokeessummaa fi hookkara ennaa filannoo ittisu qopheessee jira. Angawoonni dhaabolii naga eegumsaa irraa ta’an filannoo fudhatama qabuuf nageenyaan geggeessamu akkasumas hookkara filannoon wal qabate ittisuuf jecha guutummaa biyyattii irrraa leenjisa fudhatanii jiran.

Namwayan akka jedhanitti gharuu poolisoonni hookkara baatii Hagaya keessa ka’e ittisuuf dandeettiitu itti hanqata.

Poolisiin waa hedduu hojjete jennee waan hagas nu gammachiisu hin argine. Uummanni poolisooni balaan utuu uumamuu arganis deebii kennan hin qaban utuu jedhanii dhageenyeerra. Hariiroon poolisii fi hawaasa gidduu jirus gaarii akka hin ta’in agarra jedhan.

Dubbi himaan minstrii dhimma biyya keessaa Mwenda Njoka akka jedhanitti dhaaboliin

Filannoon keenyaa Hagaya 8 geggeesamuuf jira. Prezidaanti Uhuru Kenyatta muummicha ministeeraa duraanii Raila Odinga dabalatee mormitoota isaanii hedduu waliin dorgomanii marsaa lammataaf filannoo sana injifachuuf abdataa jiran.

Filannoon Keeniyaa Utuu Hin Ga’in Uummati Sagalee Kennu Doorsisamaa Jira: Garee Mirga Namaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:58 0:00

XS
SM
MD
LG