Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaald Traamp: Biyyoonni Hundi Amala Hamaa Kooriyaan Kaabaa Ifatti Agarsiisaa Jirtu Dura DHaabbachuu Qaban

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Doonaald Traamp, har’a, biyyoonni martinuu sodaachisa humna Niyuukilaraa Kooriyaa Kaabaa uumaa jirtuu fi amala hamaa ifatti agarsiisaa jirtu dura akka dhaabbatan waamicha godahanii jiran.

Amalli “baay’ee baay’ee hamaan” biyyattiin agarsiiste – jedhan kun, akka daafoo hamaa itti fidu illee akeekkachiisanii jiran – Prezidaant Traamp.

Har’a ennaa Poolaandiin daawwatanitti kan kana dubbatan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets, “ani nama sarara diimaa sararu miti, nama waa'ee karoora kootiis haasa’u miti.” jedhanii, garuu deebii ciccimoo ta’an akka yaadaa jiran hubachiisan. Garuu, maal akka ta’e waan bal’isanii dubbatan hin jiru.

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets – Niikii Haalii, miseensota gola naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaaf haasawa godhaniin, Misaahela ardii qaxxaamuru kan Kooriyaa Kaabaa dhukaastu humna waraanaan of irraa deebisuuf Yunaayitid Isteets qophii ta’uu ishee dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG