Xurree ittiin seenan

Mirga Uummataa fi Babal’achuu Dimokraasiif Qabsaa’uu Koofin Himatame: Dr. Mararaa Guddinaa

  • Tuujubee Horaa

Dr. Mararaa Guddinaa

Manni murtii Federaalaa himannaa Dr. Mararaa Guddinaa, Dr. Biraahnuu Naggaa fi obbo Jawaar Mohamed ISAT FI OMN irratti himannaa abbaan alangaa dhiyeesse dhaggeeffatee jira. Dr. Mraraanis himannaan isaan irratti dhiyaate kanneen bakka hin jiraannetti himatamaniittii adda ba’ee akka, ilaalamuuf gaafataniiru. Dr. Mararaan yakkamaa utuu hin taane hidhamaa siyaasaa ti jechuun ille mana murtichatti dubbataniiru.

Ragaalee isaan irratti dhiyaates akka ibsamu gaafatanii manni murtichaas yaada isaanii dhaggeeffatee ragaaleen dhiyaatan gama seeraan hiika akka argataniif mana maree Federeeshiniitti dabarsuu isaa beeksisuu dhaan Adoolessa 25tti beellama kennaa jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG