Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Keniyaa Keessatti Dorgomtoota Walabaa Heedduutu Hirmaata


Filannoo Keniyaa Keessatti Dorgomtoota Walabaa Heedduutu Hirmaata
Filannoo Keniyaa Keessatti Dorgomtoota Walabaa Heedduutu Hirmaata

Lammiwwan Keniyaa baatii Hagayya dhufu aangoo mootummaa Prezidaantii qabee hanga aangawoota nannootti filachuuf jiru.

Garuu filannoo kana kan ilaleen waan addaatu jira. Kunis kaadhimamtoonni walabaa heduutu itti hirmaata.

Uummata kuma 15 caalu keessaa nuusa tokko kan ta’an dorgomuu akka danda’aniif komishinni filannootu ehama kenneef.

Akka paartiitti filuu manna akka dorgomaa dhunfaatti filachuu wayya kan jedhan mummicha ministeera duraanii fi kan bara 2013 prezidaantummaaf dorgomanii amma immoo akka kaadhimamaa walabaatti dhiyaatan Piitar Kenet turan.

Duullii filmaataa kan itti fufee yoo ta’u xiinxaltoonni akka jedhanitti dorgomaa walabaa ta’anii dhiyaachuun qofti siyaasa Keniyaa jijjiruu hin danda’uu.Lammiwwan keniyaa Hagayya 8 bara 2017 sagalee kennuuf jiru.

XS
SM
MD
LG