Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii G-20 Irratti Waa’een Afrikaa Dubbatamuuf Jira


Germany G20
Germany G20

Walgahiin Hamburg Jarmanii keessatti gaggeeffamuu mata dureelee gaggeessuu keessaa waa’een jijjirama qilleensaa fi Godaansa uummataa keessa jiran.Garee kana kan hoggantuu Jarmaniin Afrikaaf karoora dhiyeessite kan ilaaleen duddubatamuuf jira.

Kaayyoon lafa ka’amees Afrikaa hundumaa keessatti hojii investmeentii jajjabeessuu kunis qonnaa dabalatee carraa hojii argamsisuu yoo danda’ee godaansa Afrikaa keessaa hanqiisa kan jedhu ture.Haga ammaatti kot de vaar, Morookoo Rwaandaa, Senegaal, fi Tunisiyaan wixiinee dhiyaate irratti mallatteessanii jiru.Kunis jaarmayaa maallaqa addunyaa (IMF),Baankii Addunyaa fi Baankiin misooma Afrikaa waliin hojjatu.

Itiyoophiyaa fi Gaanaan itti dabalamuu akka fedhan ibsanii jiru.Afrikaan kibbaa garu kan feetu hin fakkaattu jedhama. Sababiin isaas caasaa ammaan dura tolfattee akka diigduuf gaaffii dhiyaatu hin feetu.Gurraachoota jireenya sadarkaa giddu galeessaa ta’e qabaniif inni ofii qabdu gaarii dha jettee amanti.

XS
SM
MD
LG