Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Yunaaytid Isteetes fi Raashiyaa


Pireezdaatii Raashiyaa fi Pireezdaantii Ameerikaa
Pireezdaatii Raashiyaa fi Pireezdaantii Ameerikaa

Hojjataa gameessii kan prezidaant Donald Traamp bara 2016 keessa abbaa alanagaa Raashiyaa waliin dubbatee jira oduu jedhu masaraan mootummaa Raashiyaa Kreemlin beeksisee jira.

Abukaatoon Raashiyaa kun mormituu Traamp kan turan Hilarii Klintan kan ilaaleen odeeffannoo ishee miidhu kennuuf waadaa seenanii turan jedhame jira. Kunis Traamp paartii Ripaablikaanootaa irraa injifatanii prezidaantummaaf akka dhiyaatan eega baramee booda.

Dubbii himaan Kreemlin Dimitri Paskov akka jedhanti abukaatoo maqaa dhaahaman hin beeku, abuukaatoo raashiyaa mara beekuu hin danda’uu akkasumas nama isaan Amerikaa keessaa qunnamanis faana hin dhawuu jedhan.

XS
SM
MD
LG