Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Iraaq Mosuul IS Jalaa baahuu Isheetti Pirezdaant Traamp Gammachuu Itti Dhagahame Ibsan


Magaalaan Iraaq Mosuul IS Jalaa baahuu Isheetti Pirezdaant Traamp Gammachuu Itti Dhagahame Ibsan
Magaalaan Iraaq Mosuul IS Jalaa baahuu Isheetti Pirezdaant Traamp Gammachuu Itti Dhagahame Ibsan

Prezidaant Doonaald Traamp magalaa Iraq IS harkaa baasuu isaaniif muummicha ministeeraa Iraq fi humnootii naga eegumsa isaaniin baga gammaddan jedhan.

Ibsa White House irraa kennaniin Traamp akka jedhanitti garee leellistota kanaa kanneen Mosul keessaa injifachuun guyyaa inni Iraaq fi Siiriyaa keessaa qabu kan harkaan laka’amu ta’uu isaa mul’isa jedhan.

ISn guutummaan dhabamsiisuuf illee dhaadatanii jiran.

Prezidaant Traamp akka jedhanitti US lammiiwwan Iraaq kanneen kumaan laka’amanii fi harka IS keessatti dararamaniif du’aniif gadda itti dhaga’ame ivbsaniiru.

Muummichi ministeeraa Haider al-Abadi injifannoo kana sirnaan kan labsan kaleessa magaalaa IS dhuunfatee ture irraa ti.

Injifannoon kun hacuuccaa, gara jabinaa fi shororkeessummaatti duuluun argame jedhan.

Abaadiin akka jedhanitti “Mosul keessaa Mosl irraa uummata maraaf kan ani labsu kufaatii fi dhabamuu garee shorokeessaa IS jedhan. itti dabaluu Iraaq amma iyyuu caasaa gareen shororkaa kun amma iyyuu biyyattii sabatiinsa dhorkaa waan jiruuf rakkoo keessa jirti.

Lola Mosul keessaan siiviloonni kumaan laka’aman ennaa du’an kanneen kuma 900 ta’an qe’ee ofii irraa godaananiiru.

XS
SM
MD
LG