Xurree ittiin seenan

Ameerikaa fi Qaataar Shororkeessummaatti Duuluuf Walii Galan

  • VOA

Ameerikaa fi Qaataar Shorokeessummaatti Duuluuf Walii Galan

Yuunaayitid Isteetis fi Qaataar shororkeessummaa galoo galaana persiaa irratti duuluuf walii galtee isaan dandeessisu mallatteessan.

Ministriin dhimma alaa Rex Tillerson har’a magaalaa Doha ennaa daawwatan ibsa kennaniin akka jedhanitti walii galteen sun torbanneen hedduuf mariin erga geggeessamee boosa mallatteessame.

Walii galteen sun tarkaanfii walitti aanee biyyoonni lamaan baatilee fi waggoota dhufan keessa attamiin deddeebii maallaqaa addaan kutanii fi hojii farra shororkeessummaa addunyaa saffisan irratti fuuleffata jechuu dhaan Tillerson tuuta oduuf ibsaniiru.

Qaataar giddu galeessa bahaa keessaa bakka maadheen waraanaa US guddichi keessa jiruu fi bakka xayyaarri gurmuu waraanaa Ameerikaan dursamu garee IS Iraq fi Syria keessaa irratti haleellaa samiin raawwatani.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG