Xurree ittiin seenan

Kan Saaudiin Biyya Ishee Akka Gad Dhiisan Ajajje Lammiiwwan Itiyoophiyaa Gamasitti Danqaman

  • VOA

Kan Saaudiin Biyya Ishee Akka Gad Dhiisan Ajajje Lammiiwwan Itiyoophiyaa Gamasitti Danqaman

Lammiiwwan Itiyoophiyaa kumaan laka’aman kanneen Saudi Arabia keessaa erga biyyattiin galoo galaanaa gamasii akka ba’an ajaja dabasitee as carraan isaanii hin beekamin jidra.

Hanga jalqaba baatii Adoolessaatti lammiiwwan Itiyoophiyaa kuma 111 ta’an Saudii dhaa ba’uuf kan walii galan yoo ta’u kanneen biyyatti deebi’an kuma 45 qofa ta’uu dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa Meles Alem beeksisaniiru.

Hedduun sababaa hanqina balaliin amma iyyuu danqamanii jiru.

Angawoonni Mootummaan Saaudii lammiiwwan Itiyoopiyaa kuma 400 ta’an seeraan ala biyya isaanii keessa akka jiran amanu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG