Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaa Kibbaa Wal-Muddamsa Kooriyaa Kaabaa Wajjin Jiru Xiqqeessuuf Yaada Marii Humnoota Waraanaa Dhiheesite


North Korea map
North Korea map

Kooriyaa Kibbaa, mootummaan Kooriyaa Kaabaa meeshaalee Niyuukilaraa fi Misaaheloota Baalistik babal’ifachuu irraa kan kan ka’e wal-muddinsa uumame xiqqeessuuf jecha, har’a yaada marii humnoota waraanaa fi maatiilee wal-quunnamsiisuu dhiheessite.

“Ministiriin Ittisaa kenyaa, wal-muddinsa waraanaa xiqqeessuf, biyyoota Kooriyaa lameen gidduutti mariin dameelee waraanaa fi matiilee wal-quunnamsiisuun gaafa Addoolessa digdamii tokkoo Tongil-gak ka Kooriyaa Kaabaa keessatti akka geggeessamu har’a yaada dhiheessee jira” – jechuun dubbatan – itti-aanaan Ministaraa Ittisaa Kooriyaa Kibbaa.

Magaalaan Tongil-gak, ka daangaa biyyoota Kooriyaa lameen irratti argamtu yoo tahu, ammaan dura illee magaalaa kana keessatti mariin biyyoota lameenii geggeessamee ture.

XS
SM
MD
LG