Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dilaalli Humnaa Ol Nutti Fe’ame Jechuun Daldaltoonni Magaalaalee Oromiyaa Mormii Kaasan


Dilaalli Humnaa Ol Nutti Fe’ame Jechuun Daldaltoonni Magaalaalee Oromiyaa Mormii Kaasan
Dilaalli Humnaa Ol Nutti Fe’ame Jechuun Daldaltoonni Magaalaalee Oromiyaa Mormii Kaasan

Magaalaalee Oromiyaa Amboo, Gincii fi Walisoo akkasumas gandeen naannoo keessa daldaltoonni jiran dilaalli humnaa ol nu irratti fe’ame jechuu dhaan komeen dhiyeessaa turan gara mormiitti jijjiirame jedhu.

Akkuma kanaan har’a magaalaa Amboo fi Wallisoo keessa kan jiran daldalaawwan guutummaatti cufamuu isaanii jiraattonni magaalaalee kanaa nuuf ibsaniiru. Geejjibi tokko illee sosso’aa kan hin jiraanne ta’uu isaaf konkolaataa mootummaa dhabalatee kan namoota dhuunfaa magaalaa keessa sosso’u irratti dargaggoonni dhakaa darbuu dhaan foddaalee isaanii caccabsaa turan jedhu jiraattonni kun. Gama mootummaan tarkaanfiin fudhatame hin jiru garuu loltoonni magaalaalee kana marsanii eegaa jiru jedhaniiru.

Abbaa taayitaa galii biyya keessaa fi gurmurkii sagantaa dilaala Finfinnee fi hojii damee misoomaaf itti aantuu daayrkter kan ta’an aaddee Netsaannet Abarraa torban darbe dhimma kana ilaalchisuun VOAf akka ibsanitti dhimmi isaa walii galuun dhabameeti malee dhimmi isaa dilaala ykn gibira utuu hin taane tilmaama galii guyyaa ti, dilaalli kan hojjetamu galii fi baasiin erga hojjetamee booda jedhanii turan.

Namni kan jechaa jiru jedhan aadde Netsaannet galiin guyyaa naaf tilmaamame akka jirutti dilaala kan jedhu yaada wal dha’aaf ifaa hin ta’in jiraachuu isaa hubataa jirra jedh. Kana immoo ibsuu kan danda’u koree hubachiisa kennu aanaalee maratti hundeessinee akka hubatan gochaa jirra jedhaniiru.

Daldaltoonni garuu dilaalli nu irra kaa’ame dacha hedduu dha kan nuti yaadneen oli jechuun komee isaanii dhiyeessaa jiran.

Dilaalli Humnaa Ol Nutti Fe’ame Jechuun Daldaltoonni Magaalaalee Oromiyaa Mormii Kaasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:20 0:00

XS
SM
MD
LG