Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Yaaddoon Koo Guddaan Rakkootu Irra Ga’a kan Jedhu, Lubbuu Isheefiis Nan Sodaadha”: Harmee Seenaa Solomoon


Artiistoonni Oromoo yeroo lammataaf har’a mana murtii olaanaa Federaala Itiyoophiyaa dame Lidataa dhaddacha 19ffaa duratti dhiyaatanii jiru.Bellamnii har’a mormii sadarkaa duraa dhiyeeffadhaa jedhamee kan qabamee ture akka ta’e kan ibsan abuukaatoolee himatamtootaa keessaa Obbo Tolamaariyaam Magarsaa kanas dhiyeessuu isaanii ibsanii jiru.

Maatii himatamtootaa har’a dhaddachatti argaman keessaa tokko kan ta’an Aaddee Chuchee Tagan ijoollee qaban shan keessaa shamarri tokkittiin qaban Seenaa Solomoon ta’u dubbatan.Akka isaan jedhanti godina Qellam Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbe irraa Finfinnetti deddebi’uun mana hidhaatti inta isaanii dubbisu akkasumas ishee arguuf beellama dhaddachaa irratti argamu.

Lafa fagoo deddebi’uun dadhabsisaa natti ta’uus “ Garaa haadhaa mitii ree? Ija ishee arguufiin joora”jedhan.Seenaan umriin ishee 25 ta’u fi biyya alaa deemuuf qophii xumurattee anis Finfinnee dhaqee gaggeeesuuf ituun qopha’aa jiruu giddutti qabamuu ishee dhaga’ee Finfinnee dhufe jedhu.

Manni muri bellama sadaffaa guyyaa 16 boodatti kennee jira.

“Yaaddoon Koo Guddaan Rakkootu Irra Ga’a kan Jedhu, Lubbuu Isheefiis Nan Sodaadha”: Harmee Seenaa Solomoon
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00

XS
SM
MD
LG