Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traamp Kabaja Guyyaa Biyyoolessaa Faransaay Irrastti Argaman


Prezidaantiin Yunaayitd Isteets – Donaald Traamp, guyyaa biyyoolessaa Faransaay “Bastille Day” jedhamu har’a ayyaanaffeme irratti keessummaa kabajaa ta’uun mul’atan.

Har’a yeroo guyyaan biyyoolessaa Faransaay kun gara sa’aatii lamaaf ayyaaneffametti, guyyaa waraanni Ameerikaa Lola Addunyaa Lammaffaatti jalqaba seene yaadachuuf, jeettonni waraanaa Ameerikaa qilleensa irra marsaa turan.

Magaalaa Paaris, daandii beekamaa Chaaz-Elizii jedhamu irra loltoonni Yunaayitid Isteets, waraana Faransaay kuma hedduu – meeshaalee waraanaa akka taankiilee, misaaheloota, laawuncherootaa fi konkolaatota waraanaa waliin hiriiran.

Poolsioonni kuma sadi’ii fi dhibba shan ta’an immoo, haleellaa shororkeessummaa geggeessamu malu irraa hiriira ayyaanichaa tiksaa turan.

“Michoota amanamoo fi hiriyoota keenya nu gargaarsuuf qabna. Isaan keessaa tokko tokko Ameerikaa dha. Kanaaf jecha kan nuti eenyullee adda nu baasuu hin danda’u. Eenyullee – jennu” – Prezidaantichi Faransaay – Maakroon.

XS
SM
MD
LG