Yunaaytid Isteetes Ertraa qunnamuun akka isheen duula farra shoroorkeessummaatti dabalamtuuf gaafachuuf yeroon amma jechuun kongrees maaniin Ripaablikaanotaa kan kutaa Kaaliforniyaa Dana Rohrabacher dubbatanii jiru.
Seera ehamaa kan ittisa biyyoleessaa akka foyya’ee ministriin ittisaa kan yunaaytid Istees gita isaanii kan Ertraa waliin dubbatan gaafatan.
Kunis Ertraan duula farra shoroorkeessummaatti akka dabalamtuu, nageenya kutaa galaana dimaa fi duula harka lafa jalaan Iraan yaman keessatti gaggeesitu akkasumas dhimmootii nageenyaa Yunaaytid Istees ilaalcha duraa itti laatutti akka hirmaattuu jechuun yaada dhiyeessan.
Garu Yaadii dhiyeessan kun fudhatama kan dhabe ta’uus dhimmi kana gara fuula duraattis kan itti fufan ta’u dubbatan.