Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-murtii Du'a Ayyaalaa Bayyanaa Ilaalchisee Manni Sirreessaa Ragaa Akka Dhiheessu Ajaja Cimaa Dabarse


Ayyalaa Bayyanaa
Ayyalaa Bayyanaa

Manni-murtii ol’aanaan Federaalaa, ramaddiin Lidetaa, dhaddachi afuraffaan, nama sharorkeessummaan himatamanii otuu mana-hidhaa jiranii du’anii – Obbo Ayyalaa Beyyenee ilaalchisee, manni sirreessaa magaalaa Finfinnee, du’a Obbo Ayyalaani fi sababaa du’a isaanii Hospitaala dhimmi isaa ilaallatu irraa ragaa akka dhiheessu ajaja cimaa dabarsanii jiran.

Himannaan manicha murtiis akka itti fufu ajajee jira.

Meleslkaachew Ammahaa akka jedhutti, ajajni akka kana duraanuu ka kennamee ture tahus, dhaddacha kaleessaa irraa akka hubatametti, manni-sirreessaa Finfinnee ajaja itti kenname hojii irra hin oolchine.

Haala itti du’insaa Ayyalaa Beyyenee ibsa ka jedhame – ragaan Hospitaala walii-galaa mana-sirressaa irraa dhufe dhaddacha irratti ka dubbisamee ture tahe iyyuu manni-murtii ragaa sana kan hin simanne ta’uu ajajawwan ciccimoo dha – jechuun har’a dabarseen beeksisee jira.

Manichi-murtii har’a ajaja kenna sana keessatti, “Obbo Ayyalaa Beyyenee Nagaasaa – namni jedhaman du’uu isaanii kan mirkaneessu, sababaan du’a isaanii maal akka tahe ragaa irriitti agarsiisu, manichi sirreessaa Hospitaala dhimmi isaa illaallatuu fi aangoo ragaa akkanaa kennuu qabu irraa akka dhiheessu ajaja kennan.

Qorannaan reeffaa akka geggeessamu gochuuf akka ajajani waajira poolisii Finfinneetti barreeffamuuf gaaffin manni-sirreessaa gaafatates fudhatama hin arganne.

Hidhamtoota gaaddisa seeraa jala jiranii fi harka isaa jiran, nageenya isaanii eeguuf itti-gaafatama kan qabu manichuma sirreessaa waan ta’eef ragaalee barbaadaman dhiheessuufis ba’aan isaa kanuma mancha sirreessaa akka tahe hubachiise - abbaan-murtii.

XS
SM
MD
LG