Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummata Naannoo Uummattoota Kibbaa fi Kan Oromiyaa Godina Gujii Gidduutti Lolli Ka’e Lubbuu Galaafate


Uuummata naannoo ummattoota Kibbaa Ammaarroo fi naannoo Oromiyaa godina Gujii gidduutti gidduutti dilbata darbe walitti bu’iinsa ka’een lubbuun namaa baduun mirkanaa’ee jira. Waajjirri kominkeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa fi paartii mormituu biraa illee deebii argannee jirra.

Naannoo ummattoota kibbaa ummata Ammaarroo fi gosa Koree fi hollaa godinaa Gujii uummata jiraatan gidduutti ture Dilbata darbe walitti bu’iinsi kan uumame.

Walitti bu’iinsa kanaan lubbuun namaa baduu, balaan madaa’uu dhaqqabuu isaa fi manneen gubachuutu gabaasame.

Guyyoota sadii boodas dubbiin kan qabbanaa’e erga fakkaatee booda ammas walitti bu’iinsi kun ka’ee muuddamni hamaan jiraachuu isaaf ammas lubbuun namaa darbee, manneen gubatanii balaan madaa’uu dhaqqabuu isaa jiraattonni naannoo lamaanii ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa Gama godinaa Gujiitii namoonni sagal ennaa du’an maatiiwwan 300 ta’an qe’ee ofii irraa godaanan.

Naannoo Oromiyaa irraa kanneen ijaan argan akka jedhanitti namoonni baay’een gara mana yaalaatti geessamuu dubbataniiru. Uummati gam lamaanii garuu walitti bu’iinsa hagas jedhamu hin qabu jedhu.

Kanneen gama Ammaarroo jiranis uummati naannoo lamaanii dubbii dhuma xiqqoo irraan kan hafe walitti bu’anii kan hin beekne ta’uu dubbatan.

Ittiin ka’umsa walitti bu’iinsa kanaa hoogganaan waajjira kominikeeshinii mootummaa naanoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa VOA sagantaa Afaan Amaaraaf ibsanii turan.

Ittiin ka’umsi walitti bu’iinsa Sanaa akkuma beekamu naannoon Oromiyaa naannoo mara waliin kan jiru daangaalee hin sararamneef sababaa walitti bu’insaa ta’an sararuuf mootummoota naannoo Sanaa fi uummata hirmaachisuu dhaan sararuuf hojjetamaa jira.

Kanaaf gandeen hanga tokko keessa daangaan kun kan koo ti falmii jedhutu jira. Kan akka Ammaarroo jiran waliin jechuu dha.

Ittin ka’umsi isa kanaa garuu beeladaaleen naannoo Gujii badanii barbaachaaf hawaasi Gujii gara Ammaarrootti ce’anii jiru. sana keessaa namoonni sadii du’uu gabaasi nu ga’ee jira. Bifa kanaan walitti bu’iinsichi hammaataa adeeme. Dubbii irra deebi’ee ka’een walumaa gala hanga ammaatti namoonni sagal ka naannoo Oromiyaa du’uun nuu gabaasameera jedhan.

Paartii Medrekf miseensa kan ta’e Ethiopian Social democratic party jedhamuuf itti aanaa dura taa’aa kan ta’an obbo Xilaahun Indaashaw akka jedhanitti walitti bu’iinsi kun ganda tokko qofaa utuu hin taane gandeen 14-17 ta’an keessatti babal’achuu isaa ragaan nu ga’e ibsee jira jedhan. lolli ka’ee jira jedhaniiru. Akka paartiin isaanii beekutti miidhaan

Ittiin ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa daangaa sararuu irratti akka ta’e illee obbo Xilaahuun ibsanii, mootummaatu uummata walii galtee dhaan yeroo dheeraaf jiraatan keessaa daangaa irra deebi’ee sararuu isaan walitti bu’iinsi kun uumame jedhan. paartiin isaaniis daangaa sararuun uummata walitti buusu kun fedhii uummatichaan ala akka hin geggeessamne mootummaaf waamicha dabarsineerra jedhan.

Daangaa irra deddeeb’uun sararuun baduu lubbuu nama hedduuf sababaa waan ta’eef mootummaan irra deebi’uun itti yaaduu qaba jechuu dhaan itti aanaa dura taa’aan Ethiopian social democratic party” obbo xilaahuun Indashau nuuf ibsaniru.

Uummata Naannoo Uummattoota Kibbaa fi Kan Oromiyaa Godina Gujii Gidduutti Lolli Ka’e Lubbuu Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:01 0:00

XS
SM
MD
LG