Torbaan Oromoo(Oromo Week)ka baranaa Adoolessa, 29 Minisootaa magaalaa St.Paul keessatti jalqaban ammallee ittuma jiran.
Minisootaan godina 50n Amerikaa Oromoon itti horte keessaa tokko. Akka bulchootii hawaasa Oromoo jedhanitti Oromoo 40,000 tahanitti MN keessa jira.
"Lafa itti horree tanaa waan hedduu baaneef ,guddinna hedduun dhufneef, biyya itti horre tanatti akka ijoolleen teenna barumsa jabeeffachaa,aadaa fi eennummaa isaanii guddisaa ummata keessa jiranilleef fkn tahan feenaa jedhan" bakka buutotii Hawaasa Oromoo.
Akka maanguddootii Oromoo jedhanitti godinii MN baqataa biyya alaatii dhufee faaydaa hedduu kenna.
Nama hedduutti mana ufii bitatee,manneen nyaataa dhugaatii ufii,daldala ufii qabaa ijoollee Oromoo hedduutti barnoota yaa'allee.
"Biyya itti horree faaydaa keessa argannee nagaan keessa jiraannu walumaan guddifanna," jedhan.