Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan prezidaant Traamp Heeyyama Jireenyaa TPS Jedhamuu Lammiiwwan Sudaan Kibbaatii Dheeressee Kan Warrra Suudaan Garuu Xumuramuu Beeksise


Mootummaan prezidaant Traamp, kan akka lammiwwan Sudaan Kibbaa yeroodhaaf Yunaayitid Isteets keessa jiraatan taasisu, ehama “Temporary Protected Status” yokaan TPS jedhamu bara 2018f ka dheeresse yoo tahu, ka lammiwwan Sudaan garuu dhumachuu isaa beeksisee jira.

Minisarri naga-eegumsa biyyaa, ka Yunaayitid Isteets, kaleessa, akka jedhetti, haalli Sudaan keessaa hala ga’insa qabuun waan fooyya’eef, lammiwwan biyyattii irraa gara Yunaayitid Isteets dhufaniif, ammaa booda ehamicha dheeressuun barbaachisaa miti.

Ehamni TPS, ka lammiwwan Sudaan, Sadaasa dhufu kana ka dhumatu yoo tahu, sagantaa DHS jedhamnuun immoo, haga waggaa tokkootti turuun, dhimma isaanii Yunaayitid Isteets keessaa xumuratanii, gara biyya isaaniitti deebi’uu danda’an.

Ehamni TPS, namoota biyya irraa dhufanitti deebi’uu hin dandeenye yokaan biyyi irraa dhufan isaan gargaaruu hin dhandeenye akka yeroof Yunaayitid Isteets keessa turan ka kennamu.

XS
SM
MD
LG