Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasii Amerikaa : Walitti bu’insii Daangaa Nu Yaaddessee Jira


Aanaalee daangaa Somaalee-Itiyoophiyaa fi Oromiyaa irra jiran keessatti walitti-bu’insi uumame kan ishee yaaddesse ta’uu Yunaayitid Isteets beeksistee jirti.

Embaasiin Yunaayitid Isteets, kan Itiyoophiyaa keessaa har’a ibsa baaseen, akka mootummaan qorannaa ifa tahe geggeessuu fi kanneen badii raaw’aan itti-gaafatamtoota taasisu gaafatee jira. Dubbii himaan Embaasii Amerikaa Nikolaas Barnet akka jedhanti dhimmi kun nu yaaddessuun isaa itti fufee jira.

Kan balleesse eenyu akka ta’e baruuf gabaasaalee adda addaa hedduutu jira waan ta’eef ammatti murtii tokko irra ga’uuf ragaa amansisaan jiru baayyee xiqqaa dha jedhan.

Haallii kun uumamuun jijjiramnii qabatamaa ta’e saffisaan akka argamuu qabu mirkaneessa jedhu dubbii himaan Embaasii Amerkaa Finfinnee irraa.Uummanni rakkoo qabu hala ifa ta’een akka ibsatuuf mootummaan haala mijeessuu akkasumas mootummaanis rakkoo uummanni himatu kanaaf caasaa ittiin deebii barbaachisu kennuu diriirsuu qaba jechuun Nikolaas Barnet hubachisanii jiru.

Mootummaa Itiyoophiyaa dhimmi kana irratti hojjataa akka jiru mummichi ministeera Haayle Maariyaam Dassaaleeny hubachisuun isaanii ni yaadatama.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Embaasii Amerikaa : Walitti bu’insii Daangaa Nu Yaaddessee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:03 0:00

XS
SM
MD
LG