Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Har’a Hararghee Bahaa Aanaa Cinaaqsen Keessatti Ka’een Namoonni Du’anii Kaan Madaawan


Namoota walitti bu'iinsa uummameen qehee ofii irraa buqqahan
Namoota walitti bu'iinsa uummameen qehee ofii irraa buqqahan

Walitti-bu’insa naannoolee daangaa Ormiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee Itiyoophiyaa keessatti walitti-bu’insa jiruun wal-qabatee, dhalattoonni Oromoo bulchiinsa naannoo Somaalee keessa jiraatan kuma hedduutti lakkaawaman, baqatanii Oromiyaa seenuu isaanii, jiraattoonii fi mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisuu isaa kaleessa gabaasnee turre. Itti-gaafatamaan dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Addisuu Araggaa, lakkoobsi namoota buqqa’anii kun kuma digdama ta’uu isaa nuuf ibsan. Kan har’a Harargee Bahaatti bilbiilee dubbisne, itti-aantuu itti gaafatamtuun waajira dhimmaoota Koomiyunikeeshinii mootummaa godinaa sanaa immoo, har’a lakkoobsichi walumaa-galatti kuma soddoma dhaqqabee jira, jedhu. Kana malees, achuma Hararghee Bahaa, aanaa Cinaaqsen keessatti lola Liyyuu Poolisii naanoo Somaalee fi jiraattota ganda Toraanoo gidduutti geggeessamee namoonni sadii du’uu fi ka biroon shan madaa’uu dubbatu – jiraattonnii fi itti-aantuu itti-gaafamtuun waajira kuumiyunikeeshinii godinichaa. Gandeen aanichaa ka biroo akka Kaarooley keessatti illee lolli geggeessamuu dubbatu.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Walitti-bu’insa Har’a Hararghee Bahaa Aanaa Cinaaqsen Keessatti Ka’een Namoonni Du’anii Kaan Madaawan
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:44 0:00

XS
SM
MD
LG