Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsa fi Eenyummaa Namoota Awwadaay Keessatti Ajjeesamanii Irratti Yaada Wal-faallessu Tu Dhaga’ama


Lola Dangaa Naannolee Oromiyaa fi Somalee Keessa Humnoota Kamfaatu Jira?
Lola Dangaa Naannolee Oromiyaa fi Somalee Keessa Humnoota Kamfaatu Jira?

Walitti-bu’insa naannoolee daangaa Ormiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee Itiyoophiyaa keessatti walitti-bu’insa jiruun wal-qabatee Wixata dabre kana namoonni 32 magaalaa Awwadaay keessatti ajjeesamanii jiran – jechuudhaan, naannoo Somaalee irraa miseensa paarlaamaa kan turan tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, sagantaa Afaan Somaaleetti himanii jiran.

Boqor Alii Omar Alallee, ka jedhaman – miseensi paarlaamaa sun, gaafa Wixataa halkan – Obboleessa isaanii xiqqaa dabalee namoonni ajjeesamuu fi Obboleessa isaanii fi namoonni kaan morma muramanii kan ajjeesaman akka tahetti dubbatan.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Somalee Itoophiyaa Obbo Idiris Ismaa’el, haga ammaatti aanaalee kudhan keessatti namoonni isaanii 165 ajjeefamanii, namoota 9 irraa miidhaan gadhu. Kan walitti-bu’iinsa deemaa jiru hogganaa jiru mootummaa naannoo Oromiyaa akka ta’e illee dubbatan. “adda-dureedhan poolisii naniichaatti fayyadamuudhan pireesdantii naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa, Itti-gaafatamaa dhimmoota Koomiyunikeeshinii - Obbo Addisuu Aragaa fi qaamaa naga-eegumsaa nannichaa waliigalaa tu fixiinsa kana geggeessa” jedhan.

Itti-gaafatamaa dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Addisuu Araggaa garuu, namotni Awwadaayitti ajjeesaman dhaloota Somaalee irraa 12 dhaloota Oromoo Jaarsoo irraa 6 ta’uu adda-baafannee jirra. Ittiin ka’insi isaa, bulchaa aangaa Gursum duraanii – Saalaa Mohammedii dabalee magaalaa Bombaas, ka bulchiinsa Somaalee keessatti qabamanii ajjeesamuu akka tahee fi hiriirri mormii sanaaf magaalaa Awwadaayitti Wixata dabre geggeessame gara wal-lolinsaatti jijjiiramuu akka tahe dubbatan. Namoota ajjeesaman sanaaf, mootummaan isaanii gadda itti dhaga’ame kan ibsuu tahuu fi namoota gara dhibba lamaa qabee ka qorannaa irratti geggeessaa jiru ta’uu dubbatanii jiran. Ajjeechaa achii fi bakkawwan birootti geggeessame irraa kan ka’e rifaatuu fi yaaddoo uumameen lammiwwan Oromoo manaa fi qehee ofii bulchiinsa Somaalee Itiyoophiyaa keessaa baqatanoo Oromiyaa seenaa jiranii haga kuma digdamaa ga’uu dubbatan. Jiraattota naannoos haasofsiisnee jirra.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Lakkoobsa fi Eenyummaa Namoota Awwadaay Keessatti Ajjeesamanii Irratti Yaada Wal-faallessu Tu Dhaga’ama
please wait

No media source currently available

0:00 0:21:00 0:00

XS
SM
MD
LG