Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi-himaan Mootummaa Naanno Somaalee“Humni Gama Keenyaa Bobba’ee Oromiyaa Keessatti Haleellaa Geggeesse Tokkollee Hin Jiru” Jedhu. Giti Isaanii Kan Oromiyaa Garuu, Qaamonni Hidhatan Sadii Gamasii Bobba’anii Uummata Oromiyaa Haleeluu Dubbatu


Itti-gaafatamaan dhimmoota koomiyunikeeshinii mootummaa naannoo Somaalee, “humni hidhataan naannoo keenya keessaa bobba’ee, Oromiyaa keessatti haleellaa uummata irratti raaw’ate hin jiru. Kun qoratamee mirkanaawee jira” jedhu. Giti isaanii, gama Bulchiisa Naannoo Oromiyaa – Obbo Addisuu Araggaa garuu, kanneen gara daangaa Oromiyaa seenaniiu uummata Oromoo irratti haleellaa haleelaa jiran qaamota sadii ta’uu dubbatanii, isaanis “humna “Liyyuu Poolisii” bulchiinsa naannoo Somaalee irraa bobba’u, milishaa naannoo Somaalee, kan ragaa waliin qabannaa harkaa qabnu, humna Ripuublikii Somaaliyaa irraa bobba’e” jedhu.

Aangawaan bulchiinsa naannoo Somaalee, Obbo Idiris Ismaa’el kana guutummaatti haalan. “Mootummaa Federalaa irraa, waajirri ministara ittisaa dhimmi isaa ilaallatu, hoogganoonni keenya, ka Somaalee Itiyoophiyaa ol’aanoon bakka argamanitti gamaaggamamee, gama Somaalee Itiyoophiyaatiin ka daangaa Oromiyaatti cehee gochaa kana raaw’ate akka hin jirre beekamee jira” jedhu.

“Qacceen ofii dhaanee ofii iyya” isa jedhamu – jechuudhaan, kanneen akka uummatoonni Oromiyaa fi Somaalee nagaan waliin hin jiraanne fedhan – humnoonni daangaa naannoo Somaaleetti cehanii uummata nagaa irratti haleellaa geggeessan akka jiran dubbatu. Kanas Adda Bilisummaa Oromoo fi daarekatara Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork – Obbo Jawaar Mohammeditti akka hidhata qabutti dubbatan – Itti-gaafatamaan dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootumaa Naannoo Somaalee – Obbo Idiris Ismaa’el.

Akka himannaa Obbo Idirisitti, Addi Bilisummaa Oromoo dhuguma lola kana keessaa harka qaba yoo tahe adda-baafachuuf, dubbi-himaa dhaabichaa – Obbo Toleeraa Adabaatti bilbillee, Asmaraa irraa gaafannee turre.

Kan aangawaan Mootummaa Naannoo Somaalee – Idiris Ismaa’el himatan ka biraa – Daaretara Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork – Obbo Jawaar Mohaammedis gaafannee jirra.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG