Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Warri Filannoon Keeniyaa Darbe akka haqamuuf sababa ta’an hagaafatama’ Gumii Jaarmayaa Hawaasaa Keeniyaa


Gumiinn Gaggeessitootaa Jaarmayaalee Hawaasummaa Keeniyaa filannoo Pirezedaantummaa biyyattii akka irra deebi’amu ajajame irratti hojjettoota boordii filannoo seera darban jedhaman akka himanni irratti banamu gaafatan. Kaleessa gumiin kuni waaree booda as Naayiroobiitti hiriira mormii gaggeesseenii, Boordii filannoo Keeniyaa fi Daayirektera Abbaa Alangaa Mootummaaf iyyata barreeffamaa galcheera.

Manni Murtii Keeniyaa, bu’aan filannoo pirezedaantummaa Keeniyaa Hagayya 8, bara 2017 haala seera biyyattiitiin waan hin gaggeeffamiif irra akka deebi’amu kan inni murteesseef. Gumiin kuni harra yeroo waajjira lameenuutti argamuun iyyata galchu hojjetoonni Boordii Filannoo Keeniyaa hojii seeraan alaa hojjechuun filannoon kuni akka irra deebi’amu godhan seeratti haa dhiyaatani jechuun gaafatan.

Injoonjoo Muhee bakka bu’aa gumii kanaati , isaanis dubbii Boordii Filannoo Keeniyaa dura dhaabbatanii dubbataniin , ‘Filannoo Hagayya 8, bara 2017 irratti yakki murtee uummataa tuffachuu raawwatameera. Yakki kunis hamma biyya ganuuti. Kan nuti jechaa jirrus uummanni Keeniyaa warreen fedha uummataa dabsuuf yaalan kana seeratti dhiyeessee isaan gaafata. Lammeenimmoo waanti hundi akka duraatiin itti fufuu hin qabu, filannoon ta’uuf deemu kuni karaa seera hin taaneen ammas gaggeeffamee bu’aan filannoo ammas akka fashalaa’u hin feenu. Kanaaf Boordiin Filannoo kuni meeshaalee dheengadda dogongora guddaa kana uuman fi haala duraatiin fayyadamuu hin qabu. Jijjiirama feena nuti amma.’ Jedhan
Mr. Muheen dabalataan Hoji Raawwachiistuun Boordii Filannoo keeniyaa Iizraa Chiboolaa fi namooti bu’aa filannoo kana miliqsuu irratti hamataman hojii isaanii gadhiisanii haa qorataman jedhan. Kana malees teeknooloojiiwwan filannoo darbe kana irratti hojiirra oolan sirriitti qoratamanii waa’een isaatis sabaaf akka ifaan gadhiifamullee gaafatan.

Yoo hirriirri kuni Waajjira Muummee Boordii Filannoo keeniyaa duratti tahu, Koomishinerri Boordichaa Roozliin Akoombee, gumii sanirraa iyyaannoo irraa fuudhanii ‘waanta isin jettan itti gaafatamaa kootii fi bakka dhimmi isaa ilaallatuun nan gaha jedhanii waadaa galaniifii jiru.

Itti aansees Gumiin kuni Daayireketera Abbaa Alangaa Mootummaattis iyyata lammaffoo ka galche yoo tahu, murtee manni murtii olaanaan dabarse sanaan hojjetoota Boordii filannoo kana irratti Abbaan Alangaa akka himannaa banu gaafatan.

Iyuuniis Looduuwaa Daayirektera Abbaa Alangaa Mootummaa bakka bu’anii iyyata kana fuudhani. Isaanis Daayirekterri Abbaa Alangaa Mootummaa iyyata kana ilaalee deebii akka kennu kan isaan dubbatan

Akka seerri keeniyaa jedhutti, Daayirekterri Abbaa Alangaa Mootummaa yakki faayidaa uummata biyyattii tuqu kamuu yoo dalagamu koomishinni poolisiii Keeniyaa akka gadi fageenyaan qoratu ajajuuf itti gaafatama qaba. Kana malees filannoo biyyattii irratti yakka dalagames akka qoratamu ajajuudhaafillee itti gaafatama qaba.

Mrs. Looduwaan dabalataan yoo dubbatan Daayirektorri Abbaa Alangaa erga filannoon kuni hagayya darbe gaggeeffamee himannaa 144 Mana Murtii biyyattiitiif dhiyeessuullee dubbatan. Isaan keessaa haga yoonaa himannoowwan 122 murtee hin argatin kan jiran yoo tahu, himannaan 24 kan Boordii filannoo biyyattii ilaallatudha jedhan.

Ammas Dursaan paartii Mormituu biyyattii Raayilaa Odiingaa fi Gumiin Jaarmayaa Hawaasaa Hoji Raawwachiiftuu Boordii Filannoo keeniyaa Iizraa Chiloobaa fi namoota isa duuka jiran, akka ta’ee filannoo biyyattii irratti mullateef itti gaafatama fudhachuun himataman dhiibbaa gochaa jiru.

Koomishinerri Boordichaa Wafuulaa Chabukaatii ‘poolisiini fi qamni dhimmi kuni ilaallatu hundi namoota boordicha keessa jiran qoratee yakki irratti argamnaan seeratti haa dhiyeessu jedhanus haga yoonaa garuu Itti gaafatamaa Olaanaa Boordii Filannoo biyyattiirraa namni to’annaa jela oole hin jiru.

Filannoo Pirezedaantummaa Keeniyaa lafaa Onkoloolessa 17, bara 2017 ka gaggeeffamu yoo tahu, haala filannoon kuni gaggeeffamu irratti mareen Boordii Filannoo Keeniyaa fi dorgomtoota lameen gidduutti ta’uuf ture utuu hin hin gaggeeffamin hafeera. Dursaa Paartii Mormituu biyyattii Raayilaa faana kan waajjira Muummee Boordii Filannoo Keeniyaa turan Musaaalia Mudavaadii, wal gahiin kun gatii bakka bu’aan Uhuuruu Keeniyaattaa fi isaan hafa hin gaggeeffamin hafe jedhan. Galgala yoo waa’ee kanaa gaazexeessitootaaf dubbatan Itti Aanaan pirezident keeniyaattaa Wiiliyaam Ruuttoo wal gahiin suni jiraachuu boodarra dhageenye kanaaf yeroo nuti qabnuun wal kiphee jedhan. Haa ta’u malee dorgomtoonni kuni kopha kophaadhaan Boordii Filannoo biyyattii duuka akka mariyatanis himaniiru.

Paarlamaan keeniyaas Dheengadda hojiitti deebi’uuf ka jedhu akka tahe yoo beeksisu, Pirezidentiin Keeniyaa Uhuuruu keeniyaattaas dhaqanii Miseensota paarlaamaa kana duratti haasawa taasisanii jiru. Paarlaamaa kana irratti garuu, miseensonni Paartii mormituu hundi fi bakka bu’aan Mana Murtii keeniyaa irratti hin argamin hafaniiru.

‘Warri Filannoon Keeniyaa Darbe akka haqamuuf sababa ta’an hagaafatama’ Gumii Jaarmayaa Hawaasaa Keeniyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

XS
SM
MD
LG