Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baalee, Aanaa Daawwee-Qaachan Keessatti Walitti-bu’insa Kaleessa Uumameen Jiraattota 16 Tu Du’e


Nannoo Oromiyaa, Itoophiyaa
Nannoo Oromiyaa, Itoophiyaa

Godinaa Baalee, aanaa Daawwee Qaachan, ganda Addee Ar'aagaa, bakka teessoo biyyoo jedhamutti walitti-bu’insa uumameen, namoonni 15 du’uu jiraattonni naannoo beeksisanii jiran. Mootummaa naannoo Oromiyaatti, itti-gaafatamaan waajira dhimmoota Komiyunikeeshinii mootummaa, Obbo Kadiir Waadoos, haleellaan sun, kalessaa, humna “Liyyuu Poolis” mootummaa naannoo Somaalee-Itiyoophiyaatiin jiraattota aanaa Daawwaa Qaachan irratti geggeessamuun mirkana, jedhanii, inumaa jiraattonni halellaa sasnaan ajjeesaman 16 tahuu dubbatan. “Haleellaan sun walitti-bu’insa yeroo kaan lafa margaa irratti naannoo sanatti uumamu irraa adda. Humna mootummaa leenjisamee fi gurmaawe, ka meeshaalee waraanaa jajjabaa hidhate tu jiraattota irratti dhukaasa banee ajjeese” – jedhu – Obbo Kadiris tahe jiraattonni.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Baalee, Aanaa Daawwee-Qaachan Keessatti Walitti-bu’insa Kaleessa Uumameen Jiraattota 16 Tu Du’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:39 0:00

XS
SM
MD
LG