Xurree ittiin seenan

Hiyumaan Raayitis Waach Mootummaan Itiyoophiyaa Yeroo Ayyaanni Irreechaa Bara Kanaa Ayyaaneffamutti  Akka Tarkaanfii Isaa Daangessu Gaafatee jira

  • VOA

Faayilii - Hirmaattonni Irreechaa gaazii nama imimmaanessu itti dhukaafamee jalaa oggaa dheeffan

Gareen mirga dhala-namaaf falmu, Hiyumaan Raayitis Waach, gabaasaa fuuula 33 qabu har’a baaseen, mootummaan Itiyoophiyaa, yeroo ayyaanni Irreechaa bara kanaa ayyaaneffamutti akka tarkaanfii isaa daangessu gaafatee jira

Sabni Oromoo Itiyoophiyaa keessaa ayyaana Irreechaa kan waggaa ayyaaneffachuuf yeroo qophaa’aa jiru kanatti, Itiyoophiyaan, uummata ayyaana bara bara 2016 irratti dheessee wal-irra bahee fi lubbuu hedduu dhdume irraa barnoota argatte moo hin arganne? gaaffiin jedhu – akka yaada namaa dhuunfatee jiru dubbata – jaarmayichi mirga dhafla-namaa, ka sadarkaa Addunyaa kun.

“Mootummaan Itiyoophiyaa, yeroo mormiin farra mootummaa ayyaana Irreechaa irratti geggeessametti tarkaanfii humnoonni naga-eegumsaa isaa fudhatan qorachuu qaba” kan jedhu – gabaasaan Hiyumaan Raayits Waachi, bara dabre, yeroo humnoonni naga-eegumsaa mootummaa uummata ayyaanichaaf bahee mormii dhageessise irratti gaazii imimmaansisuu fi rasaasa dhukaasetti, uummatni riiguudhaan wal irra ba’ee, namoonni kurna hedduutti lakkaawaman du’uu isaanii dubbata.

Mootummana Itiyoophiyaa, namoonni ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti dhuman 55 – ka jedhe yoo tahu, gurmuuleen mormitootaa garuu, lakkoobsi namoota dhumamanii dhibba toorba akka tahu dubbataa turan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG