Xurree ittiin seenan

Keeniyaan Guyyaa Filannoo Pireezdaantummaa Jijjirufi Jedhame

  • VOA

Keeniyaan filannoo prezidaantummaa irra-deebii Onkoloolessa 17 geggeessuuf karoorfatte iyyuu, rakkoolee teeknikaa fi wal-mormii waa’ee koomishina filannoo irratti ka’e irraa kan ka’u akka yeroo biraatti dabarsamuu malu odeessamaa jira.

Gama biraatiin immoo, deggertotoa paartii mootummaa biyyattii irraa mana-murtii filannoo duraa fudhatama dhabsiise irratti mormiin haaraan darbatamaa jira.

Har’a deggertoonni paartii mootummaa, mana murtii biyyattii duratti hiriiruudhaan abbootii-murtii murticha dabarsan keessaa lama akka hariyataman dhaadannoo dhageessisaa turan. Poolsiin gaazii imimmaansisu hiriirtotatti biifuun adda facaase – jedhama.

Abbootiin murtii sun, murticha dabarsuu dura, abukaatoolee mormdituu waliin walga’anii turan – jechuun falman.

Abbaan-murtii ol’aanaan – Margaan, ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, manni-murtii gonkumaa doorsisamuu akka hin qabne hubachiisan.

Manni-murtichaa, filannoo duraa, ka baatii Hagayyaa keessa geggeessamee keessatti badiin uumame maal akka tahe haga Jimaata dhufuutti gad-fageenyaan akka ibsu beeksisee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG