Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Hoogganoota Qaataar Waliin Wal Argan


Ministeerri ittisaa US Jim Mattis amiirii Qaataar fi mnisteera ittisaa biyattii waliin, maadhee waraanaa Ameerikaa kan giddu galeessaa keessatti marii geggeessuuf jiraachuu labsanii jiran.

Ameeriin Qaataar Sheikh Tamim bin Hamad al-Thani rakkoo biyya isaanii fi biyyootii Arabaa afur gidduu jiru furuuf mariin akka geggeessamu gumii walii galaa kan tokkummaa mootummootaa irratti dubbatanii guyyoota hanga tokko booda Mattis maadhee humna qilleensaa Al Udeid ga’an.

Iraan waliin hariiroo walitti dhiyeenya qabuu fi shororkeessummaa deggerti jechuu dhaan Saudi Arabiyaa, Masrii, Bahraiin fi tokkummaan Emireetota Arabaa Qaataar waliin hariiroo qaban kan kutan baatii Waxabajjii darbee ture.

Prezidaantiin US Doonaald Traamp torban darbe ennaa gumii tokkummaa mootummootaa Amiirii Qaataar waliin wal arguu dhaan falmiin sun ni furama kan jedhu abdii cimaa qabaachuu isaanii tuuta oduuf ibsanii, rakkoo sana furuuf jaarsummaan hoogganuu akka danda’an ibsaniiru.

Ministriin ittisaa Matis Qaataariin kan seenan daawwannaa isaanii Afgaanistan erga xmuranii booda.

XS
SM
MD
LG