Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Somaaliyaa Duula Al Shabaab Jalaa Dheessaa Jiran


Baqattoonni al-Shabab duula miseensota haaraa humnaan itti funaannatan kutaalee Somaaliyaa Kaaba dhiyaa Beey fi Bakool keesstti jalqaban jedhu angawoonni Somaaliyaa.

Kutaalee lameen kana harka caalaa isaa bulchaa kan jiru Al shabaab, dargaggoonni gara isaa akka dhufan godhaa jechuu dhaan bulchitoota gandeen naannoo dirqisiisaa jiru jedhu bulchaan kutaa Bay Ali Doyow.

Hoogganoota gosaa walitti qabuun dargaggoota gosa gosaan funaananii akka dhiyeessan itti himan jechuun Doyow raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsanii jiru

Doyow akka jedhanitti maatiin baay’een ijoollee isaanii waliin Baidoa, Dinsor fi Bardale-n dabalatee gara magaalaalee guruddoo Baytti bqataa jiran.

eera tumaa kan ta’an Abdulshakur Ibrahim Baaydo’aa keessa kan jiraatan yoo ta’u ijoollee hedduun kanumruiin isaanii 9 fi 18 ta’an naannoo al shabab bulchu Beey fi Bakoo irraa guyyoota muraasa darban kanaaf dheessaa jiru. Kanneen gadhiisanii dheessan keessa firoottan isaanii akka jiran ibsuu dhaan ijoolleen obbolaa isaanii keessa jiraachuu dubbatan. Amma ijoolleen firaa 14 na bira jiru hangi tokko fira kaan warruma gosa ofii ta’uu dubbatan. Ibrahim akka jedhanitti gareen kun maatiiwwan ijoollee dhiiraa qaban irratti fuuleffate.

Dargaggoonni Somaaliyaa Duula Al Shabaab Jalaa Dheessaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:13 0:00

XS
SM
MD
LG