Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kurdoonni Sagalee Hiree Murteeffannoo Kennaniin Injifatan


Kurdoonni Iraaq Baagdaad irraa walaba ba’uuf sagaleen kennan caalmaa sagalee harka 92 argatee jira.Sagaleen hiree murteeffannoo wiixata darbee kenname kun mootummaa Baagdaad keessa jiru , biyyoota ollaa fi Yunaaytid Isteets biraa mormiin isa mudatee jira.

Gama kaaniin xayyaaroonni biyyoota giddu galeessa bahaa keessa balali’an ajaja Iraaq biraa kenname kan akka isaan dirree xayyaaraa Iraaq gama kaabaa keessa jiru kan kutaa Kurdootaa akka hin seenne jedhu ni kabaju.

Mummichi ministeera Iraaq Heeyder al- Abadi akka jedhanti yoo hogganoonni Kurdootaa to’annaa dirreewwan xayyaara kutaa Sanaa aangawootatti deebisuu diidnaan ajaja akka gamasitti hin balaliine dhorku nan labsa jedhan.

Kurdoonni garu ni diidan.

XS
SM
MD
LG