Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Nagarii Leencoo: Somaaliilaand Oromoota Biyya Ishee Keessaa Ari’uu Odeeffannoo Qabna


Somaaliiland seeraan ala Oromoota kuma sadii caalaan biyya ishee keessaa aritee jechuun Itiyoophiyaan himattee jirti.Oduu gabaastoota biraa gaaffii dhiyaateef wiixata kaleessaa deebii kan kennan ministeerri dhimmootii komunikeeshinii kan mootummaa Itiyoophiyaa Dr. Nagarii Leencoo kana gochuun Somaaliilaand kan seeraan alaati jedhan.

Oromoonni Somaaliilaand keessaa ari’aman yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gama bahaa keessa akka jiran dubbatan. Bloomberg akka gabaseetti ministeerri haajaa alaa Somaaliilaand Saad Alii Shiree waa’ee Oromoota ari’aman jedhamee gabaasa akka dhiyeessaniif hojjattoota isaanii gaafachuu isaanii ibsanii hanga gabaasiicha arguutti deebii kennuu hin danda’uu jechuu isaanii ibsan.

Bulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa giddutti walitti bu’iinsa uumameen lakkobsii namoota ajjefamanii fi godaananii qoratamaa akka jiru ibsamee jira.

Dr. Nagarii Leencoo: Somaaliilaand Oromoota Biyya Ishee Keessaa Ari’uu Odeeffannoo Qabna
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00

XS
SM
MD
LG