Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Dangaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa Gidduu Furuuf Hojjetamaa Jira: Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa


Itti gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Dr. Nagarii Leencoo
Itti gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Dr. Nagarii Leencoo

Walitti bu’iinsa daanga bulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti uumameen lubbuun namoota hedduu darbee hedduun qe’ee ofii irraa godaanuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Mootummaan Federaalaa Itiyoopiyaa rakkoo daangaa ilaalchisee walitti bu’iinsa uumameen miidhaan uummata irra ga’uu isaa amanee rakkoon akkasii deebisee akka hin uumamne uummataafis eegumsa barbaachisu gochuuf hojjechaa jiraachuu isaa waajjirri komiminikeeshinii mootummaa har’a tuuta oduuf ibsa kennee jira.

Uummata qe’ee ofii irraa godaanes haala inni ittiin qe’ee ofiitti deebi’uun danda’amu illee mijeessuuf irrattin hojjetaa jira jedha waajjirichi.

Gama biraan dilbata dhufu kabajamuuf kan jiru ayyaana Irreechaa irratti uummata irra miidhaan akka hin geenyeef qopheen eegumsa gochuu xumuramuu illee itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Dr. Nagarii Leencoo nuuf ibsaniiru.

Rakkoo Dangaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa Gidduu Furuuf Hojjetamaa Jira: Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:20:15 0:00

XS
SM
MD
LG