Xurree ittiin seenan

Uggurri Imalaa Traamp Ka’an Yeroo Isaa Xumuraa Jira

  • VOA

Imaltuun gara Yunaaytid Isteetesti gaggeeffamu daangeessuuf ajajii prezidaant Donaald Traamp mallatteessan yeroon isaa xumuramaa jira.

Kunis bulchiinsii Traamp itti aansuun maal gochuuf jira? Gaaffii jedhu kaasisee jira.Uggurri imalaa guyyoota 90 ykn baatii sadiif biyyoota misleemoonni itti heddumaatan Islaamaa 6 irra ka’ame dilbata dhufu xumurama.

Ugguura ka’amee itti fufuu moo kan biraan iddoo buufamuu qabna gaaffii xiinxaltoota waa’ee Immigreeshinii biraa dhiyaataa jira.Biyyonni ja’an uggurri irra ka’ame / Iraan, Libiyaa,Somaaliyaa, Sudaan, Siriyaa fi yaman ta’uun ni yaadatama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG