Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaa Koriyaa Kabaa: Traamp Waan Dubbateef Gatii Guddaa Baasa


Koriyaan Kaabaa dhiyeenyatti galaana paasifiik irratti yaalii dhukaas bombii Haaydroogiin gaggeessuu akka maltu beeksiisftee jrti. Kunis kan dhaga’mee prezidaantiin Amerikaa Traamp jechaan sodaachisuu fi uggura haaraa ka’uuf dorsisuun tuttuqqaa irraa adda baafamee akka hin ilaalamnee hogganaan Koriyaa Kaabaa Kim Jong UN eega akeekkachisanii booda.

Ministriin dantaa alaaKoriyaa Kaabaa Ri Yong Ho oduu gabaastotaaf akka ibsanti yaaliin dhukaasa Bombii Haaydrogiin kun sodaachiisa prezidaantiin Amerikaa Traamp mootummaa koriyaa guutummaatti barbadeessina jechuun jalqaba torban kanaa kora Tokkummaa mootummotaa irratti dhageesisaniif deebii dha.

Traamp waan jedhe kanaaf gatii guddaa baasuuf jira jechuun hogganaan koriyaa kaabaa eega dubbatanii sa’atilee hanaga tokko booda ministriin dantaa alaa koriyaa kibbaa Kora Tokkummaa mootummotaa cinatti tuuta oduuf ibsa kana kennan.

XS
SM
MD
LG