Xurree ittiin seenan

‘Haqamuu Bu’aa Filannoo Pirezidaantummaa Keeniyaaf Badiin kan Boordii Filannoo Biyyattiiti’ Murtee Guutuu Manni Murtii Olaanaa Kenne


Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa haqamuu bu’aa filannoo pirezedaantummaa biyyattii Hagayya 8 irratti taheef balleessaan kan Boordii Filannoo Keeniyaati jechuun mure.

Kaleessa Murteen waa’ee bu’aa filannoo Pirezedaantummaa keeniyaa haquu guutuun isaa yoo ibsamu, Itti Aanaa Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa Fiiloomeenaa Imwiiluu, ‘Boordiin Filannoo Biyyattii filannoon kun ifaa fi akka lafaallee raggaasifamuu danda’amuun hin gaggeessinee’ jedhan.

Kunis tahu garuu Itti Gaafatamaan Mana Murtii Olaanaa keeniyaa Deeviid Maaraagaa, Manni Murtee namoota dhuunfaa gocha kanaaf itti gaafatamoo ta’an hin agarre, waanti nuti agarre yoo jiraate ‘Rakkoo Xaxaa Dhaabbata Keessa jiru’ jedhani.

Himannaa kana Paartii mormituu bakka bu’anii abukaatummaan kan himatan Jeemsi Oreengoo garuu, ‘Abbaan Alangaa Olaanaa Mootummaa Keeniyaa dhimma kana qoratee namoota hojii seeraan alaa kana keessaa harka qaban jedhu seeraaf haa dhiyeessu’, jedhan.

Galmoo Daawit Naayiroobii dhaa gabaasa itti aanu nuuf ergeera.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG