Xurree ittiin seenan

Balaa sochii lafaa hamaa kaleessa meeksiskoo sitii dhahee irraa namoota lubbuun hafan baraarsitoonni har’a barbaadaa jiru.

Balaa Kanaan namoonni yoo xiqqaate 225 ta’an kan du’an yoo ta’u gamoo hedduun jiganii jiran.

Ministriin haajaa biyya keessaa Miguel Chong akka jedhanti humnootiin waraanaa fi polisoonni meeksikoo namoota lubbuun hafan hojii barbaachuu kana haga danda’ameetti itti fufuu.

Hojii barbaachuu kana sivilonnis kan itti dabalaman yoo ta’u gamoo jigee keessaa meeshaalee waa gaggalagalshanii fi harkaan namoota caccabaa jiru keessaa baasaa jiran.

Balaan sochii lafaa kun magaalaa meeksiskoo sitii irraa fageenya kiloo meetra 123 irratti kan argamtu Pubela keessatti dhaga’amaa ture.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG