Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weellisaa Oromoo Shaffisoo Aqiil


Weellisaa Shaaffisoo Aqiil
Weellisaa Shaaffisoo Aqiil

Sirbootni Shaaffisoon barreessee fi Weellisee fudhatama argatan keessaa, ‘Baga Deemte’ Ka weellisaa Daawitee Mokonnon irra deebiin sirbee fi akkasumas ‘Suutayya’ ka jedhu sirbi shaggooyyee beekamoodha.

Weellisaa Shaaffisoo Aqiil kan dhalate Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar keessatti. Barreessaa walaloo Muuziqaa fi Jeedalooti, bara 2007ttis Albamii Muuziqaa mata dureen isaa ‘Owwaadhu’ jedhu dhaggeeffatootaaf dhiyeesseera. Weellisaan kuni sirboota Jaalalaa, Aadaa fi Jiruufi Jireenyaa weellisuun hedduu beekama.

Sirbootni inni barreessee fi Weellisee fudhatama argatan keessaa, ‘Baga Deemte’ Ka weellisaa Daawitee Mokonnon irra deebiin sirbee fi akkasumas ‘Suutayya’ ka jedhu sirbi shaggooyyee beekamoodha.

Shaaffiso Aqiil amma biyyaa bahee biyya ollaa keeniyaa keessa koolu galtummaadhaan jiraata. Innis dubbii Galaalchaa VOA Naayiroobii Galmoo Daawit waliin taasise keessatti, ‘Waan ofii hin dhiisani, kanaaf biyyaa baanus aadaa keenya agarsiisuu, dagaagsuu hin dhiifnuu’ jedhe. Shaaffiso ammas Albamii sirbaa isaa lammaffoo hojjechuuf tattaaffiirra jira.

Weellisaa Oromoo Shaffisoo Aqiil
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:22 0:00

XS
SM
MD
LG