Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korri Tokkummaa Mootummotaa Guyyaa Lammaffaaf Itti Fufee Jira


raan sagantaa Nukleeraa qabdu akka dhaabdu gochuuf walii galtee bara 2015 tolfamee keessaa Yunaaytis Isteetesiin baasuu isa jedhu irratti murtii irra akka ga’an prezidaantiin Amerikaa Donald Traamp kaleessa kora tokk mootummootaa irratti haasawaa dhageesisaniin ibsanii turan.

Garu murtiin isaanii kun maal akka ta’e Traamp ibsuu kan diidan yoo ta’u walii galtee tolfamee sana irratti adda addummaan Amerikaa fi Iraan giddutti uumamees kora kana keessatti dhimmi ijoo waltajjii dhunfatee ta’e jira.

Traamp kaleessa haasawaa dhagesiisaniin Iraan biyya dinagdeen ishee guddiina hin agarsiifnee fi kan mootummaan ishee hokkara , dhiiga dhangalaasuu fi jeeqamsa gara biyya alaatti ergu jechuun balaaleeffatan.

Ministriin dantaa alaa Iraan Jaavaad Zarif dhaamsa Twitariin erganiin Traamp haasawaa warra dofaa fi jibbinsaa kan boddeetti hafumma agarsiisu dhagesiisan jedhan. Kun hasawaa jaarraa 21ffaa kan Tokkummaa mootummotaa duratti dhiyaatu hin turre jedhan. Prezidaantiin Iraan Hassan Rohaanii walgahii hogganoota addunyaa kan biyyoota 193 kana irratti har’a dubbachuuf deemu. Walii galtee Nukleeraa tolfame sana kan ilaaleen Rohaaniin biyya isaaniif ni falmu jedhamee eegama.

XS
SM
MD
LG